Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Manneen Jireenyaa waliinii Garjii Korporeeshinii Manneen Federaalaan baatiwwan 18 keessatti ijaaraman daawwataniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti proojektii guddaan akka kanaa hojjetamuun miidhaginaa fi guddina magaalichaaf ga’ee olaanaa kan qabu ta’uu aadde Adaanach ibsaniiru.
Misoomsitoota teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun rakkoo manaa magaalichaa furuuf socho’an bulchiinsi magaalichaa kan jajjabeessu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalicjhaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.