Aadde Adaanach Abeebeen garee Kubbaa Miilaa Qiddus Goorgisiifi Buna Ityoophiyaa waliin mari’atan

Amajjii 3, 2015(FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen garee Kubbaa Miilaa Qiddus Goorgisiif Buna Ityoophiyaa akkasumas deeggartoota garee biyyaalessaa waliin mari’atan.

Aadde Adaanach Abeebeen ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa akkasumas haala waloon magaalicha misoomsuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Gaaffilee dargaggoonni iddoowwan ispoortii, carraa hojii uumuufi bulchiinsa gaariirratti kaasan fudhachuun kan sirreeffamuu qaban sirreessuun furmaata isaaf waloon kan hojjennu ta’uun mirkaneessa jedhan.

Dargaggoonni magaalichaa yaada isaanii karaa qaroomina qabuun kan calaqisiisan malee meeshaa qaamolee fedhii siyaasaa isaanii ittiin guuttachuu barbaadaniifi jeequmsa kaasuu barbaadanii ta’uu akka hin barbaadne mirkaneessuu isaanii eeraniiru.

Dargaggoota magaalichaa biroo waliin mariin taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Dargaggoonni magaalichaa fakkeenya nageenyaafi jijjiirama magaalichaa ta’uun itti fufu jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment