Aadde Adaanach Abeebeen ayyaanni waggaa haaraa nagaan akka xumuramuuf qaamolee gumaachan galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen jala bultiirraa jalqabee ayyaanni jijjiirraa waggaa haaraa nagaan kabajamee akka xumuramuuf qaamolee ga’ee isaanii ba’atan galateeffatan.

Aadde Adaanach jiraattota magaalichaa, caasaa mootummaa sadarkaan jiru, miseensota raayyaa uummataa, qaamolee nageenyaa magaalichaa, federaalaafi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee akkasumas waldaalee hojii gamtaa shammatootaa ga’ee ba’ataniif galateeffataniiru.

Qaamoleen ayyaanicha sababeeffachuun yakkoota garaagaraa raawwachuun nageenya magaalichaa booressuuf, hanqina dhiyeessii gabaa fi qaala’iinsa gatii uumuun hawaasa muddama keessa galchuuf karoorfatanii qophaa’aafi qindeessaa turan jiraachuu dubbataniiru.

Ta’us hojii qindaa’aa qaamolee hundaan kaaroorri isaanii fashalaa’uufi ayyaanichi nagaan xumuramuu kaasuun, kanarraa kan baratamu tokkummaafi waldeeggaruun iccitii injifannoo keenyaati jechuun erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Ayyaanota amantaaleefi uummataa gara fuula duraatti kabajaman irratti hojiin magaalichaafi naannawaashee tasgabbeessuu eegalame cimee itti fufuu akka dhaamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment