Aadde Adaanach Abeebeen Awutoobisoota magaalaa 100 hojii eegalchiisan

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)-Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Awutoobisoota magaalaa ammayyaa 100 guyyaa har’aa hojii eegalchiisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa rakkoo geejjiba uummataafi rakkoo daandii magaalichaa furuuf hojjechaa jiraachuu Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Awutoobisoonni 200s yeroo dhiyoota kan seenan ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Geejjibaa magaalichaa Mitikkuu Asmaraa gamasaaniin, rakkoo geejjibaa magaalichatti mul’atuufi hiriirota dhedheeroo tajaajila geejjiba argachuuf uumaman hambisuuf karooraan hojjetamaa jira jedhan.

Awutoobisoonni kunneen teekinooloojii ammayyaan kan deeggaraman, imaltoota rakkoo dhageettii qabaniif teekinooloojiin mallattoon akka waliif galan taasisuu qabaachuu ibsameera.

Dabalataanis kaameeraawwan nageenyaafi teekinooloojii biroo ofirraa qabaachuu eerameera.

Sirnicharratti Ministira Minbisteera GeejjibaafiLoojistikii Dooktar Alamuu Simee dabalatee hoggantoonni olaanoon birooniifi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia #Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment