Aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyya fudhachuun adda waraanaatti gama maraan hirmaatan galateeffatan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyya fudhachuun lubbuu isaanii, humnaasaanii, qabeenyaasaanii, beekumsaa fi yeroosaanii laachuun adda waraanaatti hirmaachuun shooraa isaanii ba’atan galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee Yaa’ii Mana Maree idilee magaalaa Finfinneerratti haasaa taasisaniin, waraanicha adda dureen hoggaanaa kan turan Muummeen Ministira Abiy Ahimad, hoggantoota adda waraanichaa, raayyaa ittisa biyyaa fi miseensoota poolisii federaalaa fi naannoo akkasumas uummattoota naannoo Affaarii fi Amaaraa galateeffataniiru.

Dhalattoota Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoota biyyoota garagaraa jirtaan duula ‘No More’ irratti hirmaataniis galateessaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee gabaasa mana marichaaf dhiyeessaniin, dargaggoonni kumni 24 ol duula birmaddummaa biyyarratti hirmaachuu, ogeeyyiin fayyaa 400 ol gara adda waraanaatti bobba’uunii fi dhaabbilee fayyaa barbada’aan 18 deebisanii dhaabuuf meeshaalee fayyaa fi qorichoonni taasifamuu himaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyya fudhachuun adda waraanaatti gama maraan hirmaatan galateeffatan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee qaamolee waamicha biyya fudhachuun lubbuu isaanii, humnaasaanii, qabeenyaasaanii, beekumsaa fi yeroosaanii laachuun adda waraanaatti hirmaachuun shooraa isaanii ba’atan galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee Yaa’ii Mana Maree idilee magaalaa Finfinneerratti haasaa taasisaniin, waraanicha adda dureen hoggaanaa kan turan Muummeen Ministira Abiy Ahimad, hoggantoota adda waraanichaa, raayyaa ittisa biyyaa fi miseensoota poolisii federaalaa fi naannoo akkasumas uummattoota naannoo Affaarii fi Amaaraa galateeffataniiru.

Dhalattoota Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanoota biyyoota garagaraa jiraataan duula ‘No More’ irratti hirmaataniis galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Abeebee gabaasa mana marichaaf dhiyeessaniin, dargaggoonni kumni 24 ol duula birmaddummaa biyyarratti hirmaachuu, ogeeyyiin fayyaa 400 ol gara adda waraanaatti bobba’uunii fi dhaabbilee fayyaa barbada’aan 18 deebisanii dhaabuuf meeshaalee fayyaa fi qorichoonni taasifamuu himaniiru.

Aangoo fi gahee qaamolee raawwachiiftuu murteessuuf bulchiinsi magaalichaa fooyya’insa caasaa qorannoo labsii lakk. 74/2014 manuma mare kanaan ragga’ee dhaabbileen mootummaa 71 turan gara 46 hir’isuun hojiin gurmaa’insa hojjetameeras jedhaniiru.

Walakka waggichaattis carraa hojii uumuu kumni dhibbi 2 fi kumni 27 fi 500 karoorfamee lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 97 fi 696 uumuun danda’ameera jechuun ibsuusanii ragaan waajjira kantiibaarra argame ni muul’dhisa.

Gabaa biyyaa keessattis Intarpiraayizoota kuma 9fi 478 walitti hidhaaminsa gaba Birrii biiliyoona 2.9 uumuuf karoorfame keessa Intarpiraayizoota kuma 8 fi 141 walitti hidhaamiinsa gabaa birrii biiliyoona 3,7 uumuu danada’amuus Aadde Adaanach gabaasa dhiyeessan keessatti ifoomsaaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment