Aadde Adaanach Abeebee miseensoota kaabinee waliin ta’uun humna qilleensa Ityoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Hagayya 23, 2013 (FBC)- Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee miseensoota kaabinee waliin ta’uun humna qilleensa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Aadde Adaanach akka ibsanitti, daawwannichi humni qilleensichaarratti rifoormii gaggeeffamaa jiruu fi jijjiirramaa argu akkasumas bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisuu taasisuuf kan kaayyeeffateedha jedhaniiru.

Humni qilleensichaa birmaddummaa Ityoophiyaa eegsisuun hojii boonsaa raawwachaa jiraachuu ibsuun bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaas miseensoota humna qilleensaaf gootummaa isaa ibsuuf deeggarsa sangootaa taasisuu ragaan waajjira Waajjira Seekreetariyaat Preesii  magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment