Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristanaatif erga baga ayyaana Qillee geessanii dabarsaniiru.
Ayyaanni bara kana injifannoon dabalamee, Ityoophiyaahummaa fi tokkummaan sabdaneessaa ifee kan itti muul’ateedha.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.
Hordoftoota Amantaa kiristaanaa maraaf baga ayyaana Qilleetiin nagaan geessan.
Ayyaanni kuni keessattu bara kana injifannoowwan keenya hedduun dabaalamee, Itiyoophiyummaa fi tokkummaa sabdaneessummaan miidhagee ayyaana kabajamuudha.
Biyya keenya Harmee Itiyoophiyaaf irree jabaa ijoollee ishee hammeenyashee osoo hin taane gammachuushee hawwaniin, dhukkubbii isheetiif osoo hin taane fayyummaa isheetiif ifaajaniitiin Weeraraa fi waraana itti baname qolachuunifii ni diigamu, adda faca’u osoo jedhanuu tokkummaa fi obsaan dhaabbannee weerartoota akka ofirraa qaanessinu kan nugargaare waaqni yaa galatoomu!
Waktii rakkisaa kanatti Harmee teenya Itiyoophiyaaf sagalee ta’uun waltajjiiwwan Idil’Addunyaarratti gootummaa cimaadhaan kan qabsaawan Itiyoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa hedduun waamicha hogganaa keenyaa fudhachuun gara biyyaatti waliin dhufuun Waktiin kuni Waktii Itiyoophiyaanotaa ta’uusaa kan itti agarsiisaniidha.
Kanaanis Itiyoophiyaan hundaa olitti kan itti abdattu ijoollee ishee gaafa rakkootti ta’uusaa irra deebiin kan mirkaneessineefi yeroon itti aanu iccitii furtuu tokkummaatiin karra milkaa’inaa hedduu harka wal qabannee kan ittiin saaqnu, mana keenya jalatti wal mari’annee Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf irra deebiin waadaa keenya kan itti haaromsinu ta’a.
Ayyaanicha wayita kabajnu gartuun Shororkeessaa iddoowwan weerara irratti raawwatetti lammiilee keenya qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’an, daaranii fi miidhaan irra dhaqqabeeef jirra jechuunifi deebisnee gadi dhaabuun, maatii duultotaa gargaaruun, gooticha raayyaa ittisaa keenya jajjabeessuun aadaa Itiyoophiyummaa keenyaa kan ta’e aadaa walgargaaruu keenya itti fufsiisuun, waliif yaadunii fi waliin ta’uun barbaachisaadha.
Ammas Itiyoophiyaa eegaafi irraa qolachaa gama hundaanuu injifannoo Itiyoophiyaa lafa qabsiisuuf miiruma kanaan sochii keenya cimsinee kan itti fufnu ta’a.
Waliin ta’uun keenya injifataadha. Iccitiin injifannoo keenyaa waliin ta’uu keenya!
Ayyaana gaarii nuuf haata’u!!
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.