Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee hordoftoota amantaa kiristaanaa maraaf ergaa baga ayyaana Cuuphaa geessanii dabarsaniiru.
Aadde Adaanach Abeebee fuula Feesbuukii isaanii akka ibsaniitti, Ayyaanni Cuuphaa, fakkeenya jalaala, nagaa, gammachuu, waloon jiraachuu, waliif yaaduu, kadhannaati jedhaniiru.
Ayyaanni Cuuphaa, ayyaanoota keenyaa keessaa agarsiistu Ityoophiyaa, galmee Addunyaarratti hambaa kiliyaa ta’e kan galmaa’e, qabeenya keenya qaalii, madda kabaja biyyaafi miidhaginaa isa tokkodha jedhan Aadde Adaanach.
Ayyaana Cuuphaatiin jibbinsi galaana cuuphaatiin dhiqame kan qulqullaa’u, addaan bahuun tokkummaafi jaalalaan kan bakka bu’u, haaloon dhiifamaafi waliin tahuuf kan bakka gadii dhisuu, waldhabdeen araaraa nagaan kan goolabamu, haasawaan keenya jaalalaa kan facaasan, bu’uroonni jibbinsaa kan itti diigamaniifi nageenyii fi gammachuun kan itti himamani jedhan Aadde Adaanach.
Keessattun ayyaanni Cuuphaa baranaa, birmadummaa biyya irratti waraanni weeraraa nutti aggaamamme tokkummaafi onnee Itoophiyummaan ofirraa qoolanne, borumtaa itti kabajnu tahuunsaan, ammaas gamtaafi tokkummaa keenyaa cimsinee kan itti fufnu, hulaawwan balbala gargar nu baasaniif banaman itti cufnu, ayyaana mul’ata Itiyoophiyaa bu’ura tokkummaarratti kan utubnu nuuf haa tahu jedhaniiru ergaa dabarsaniin Aadde Adaanach.
Irra deebi’uun hordooftoota amantaa Kiristaanaa maraaf baga ayyaana Cuuphaaf geessan; geenye jedhaniru; Waaqni Itiyoophiyaafi Uummata ishee baay’isee haa eebbisu!
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.