Aadde Adaanach Abeebee fi  Caaltuu Saaniin hojii kalaqa teeknooloojii manneen walitti hidhamanii daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa aadde Caaltuu Saaniin hojii kalaqa teeknooloojii manneen walitti hidhamanii daawwataniiru.

Hojiin kalaqa teeknooloojii kun magaalichatti jiraattoota sadarkaa jireenya gadi aanaarra jiraatan fayyadamoo manaa jireenyaa kan taasisu ta’uu aadde Adaanach daawwanicharratti ibsaniiru.

Teeknooloojiin kun baasii xiqqaa fi yeroo gabaabaa keessatti mana ijaaruu danda’uurra darbee naannoon itti ijaaramu misoomaaf yoo barbaadame haala salphaan kaafamee bakka biraatti ijaaramuu kan danda’u ta’uu kaasaniiru.

Dargaggoota damee Konistiraakshinii baratanii hojii malee taa’anii fi fedhii qaban leenjisuun carraan hojii akka uumamuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu aadde Adaanech ibsaniiru.

Teeknooloojiin akka kanaa magaalichatti akka babal’atuuf Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa waliin qindoominaan kan hojjetan ta’uus kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa aadde Caaltuun gama isaaniin, Ministeerichi teeknooloojiiwwan akka kanaa maddisiisuunii fi sadarkaa baasuun rakkoo hawaasaa furuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Teeknooloojiin kun rakkoo manneen jireenyaa kan hiikuu fi dargaggoota baay’eef carraa hojii kan uumu waan ta’eef magaalonni biyyatti biroon akka fayyadaman ni taasifama jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment