Aadde Adaanach Abeebee Booleettii hojii dargaggoota waldaan gurma’anii daawwatan

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee kutaa magaalaa Boolee aanaa 9tti hojii dargaggoota waldaan gurma’anii daawwataniiru.

Aadde Adaanach, itti gaafataama waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Mallasaa Alamuu , itti aanaa hoji raawwachiisa olaanaa kutaa magaalaa Boolee obbo Makkonniin Ambaayee waliin ta’uun kutaa magaalaa Boolee aanaa 9tti hojii dargaggoonni waldaan gurma’anii hojjeeta jiran daawwataniiru.

Aadde Adaanach daawwanna isaanitin aanichaatti dargaggoota gurmeessuun hojiiwwan qonnaa magaalaa fi carraa hojii uumuurratti hojjeetama jiruun gamtaa keenyaaf misoomaa ashaaraa magaarisaatiinis ashaaraa isaanii ka’achaa akka jiran ibsaniiru.

Dargaggoonni magaalaa Finfinnee iddoowwan garaagaaraatti argamanis dargaggoota kanneenirra muuxannoo fudhachuu qabuu jedhaniiru.

Dargaggoonni damee garagaaraatti gurmaa’anii jiraaniif mul’ataa isaanii galmaan ga’uuf bulchiinsi magaalicha leenjii daandeetti ijaaruu fi deeggarsa oguummma akka taasisuuf ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment