Aadde Adaanach abbootii qabeenyaa taaksii Laadaa waliin mar’atan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (FBC) – Itti aantuun kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee abbootii qabeenyaa waldaalee taaksii Laadaa magaalichaa waliin mari’ataniiru.
 
Aadde Adaanach bulchiinsi magaalaa Finfinnee gaaffilee abbootiin qabeenyaa kunneen qaban deebisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
 
Waldaaleen kunneen tajaajila ammayyaawaa, seera qabeessaa akka laatanii fi seera kabajuun hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniirui.
 
Mootummaan rakkoolee jiran furuuf hojjechaa jira jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa
 
Aadde Adaanach,waldaaleen kunneen Taaksiiwwan haaraa tajaajila qaraxa irraa bilisa ta’een akka galchaniif haalli mijachuu himaniiru.
 
Dabalataan gurmaa’uun tajaajila liqii Baankii Daldalaarraa argachuu akka danda’ani eeraniiru.
 
Magaalichatti tajaajila taaksii ammayyeessuun faayidaa olaanaa qabaachuu himuun, waldaaleen taaksii gurmaa’uun tajaajila si’ataa fi ammayyaa’aa laachuun nageenya magaalichaa eegsisuu keessatti qooda isaanii ba’uu akka qaban dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment