Aadaan walgargaarsaa lammiilee cimee itti fufuu qaba – obbo Zhaanxiraar Abbay

Finfinnee, Eebila 1, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Kutaa Magaalaa Boolee mata duree “gaarummaan obbolummaa waaraaf ” jedhuun lammiilee harka qalleeyyii 200 oliif deeggarsa taasiiseera.
Sagantaa deeggarsaa laachuu kanarratti kan argaman Itti aanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay, walgargaaruun aadaa ummattoota Itoophiyaa ta’uu , duudhaa walgargaarsaa biyyattiin qabdu cimsanii ittifufsiisuun akka barbaachisu himaniiru.
Deeggarsa Abbootiin qabeenyaa fi dhaabbilee deeggartootaa taasisan galateeffataniiru.
Hojii Raawwachistuun kutaa Magaalichaa Aadde Alamtsahaay Shifarraaw gama isaaniin kutaan magaalichaa qaamolee hawaasaa fi dhaabbilee garaagaraa hirmaachisuun lammiilee harka qalleeyyii gargaaruuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Sagantaa guyyaa har’aa gaggeeffameen lammiilee harka qalleeyyii 220f midhaan nyaataa kannamuu himaniiru.
Sagantaan deeggarsaa kunbaatiwwan 6f kan itti fufuu fi lammiilee kuma 45 deeggaruu kan hojjetamu ta’uu himuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment