Aadaan waldeeggaruu hawaasaa cimee itti fufuu qaba-Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Qaammee 3, 2015 (FBC)- Hawaasni aadaa walgargaaruu cimsee itti fufuu qaba jechuun Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Guyyaa Gaarummaa sababeeffachuun Magaalaa Baahirdaaritti lammiilee 230’f deeggarsi taasifameera.

Saganticharrattis Obbo Araggaan, kan irraa haferraa utuu hintaanee kan jirurraa qoodanii waliin gahuun argisiistuu gochaa gaarummaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Guyyaan Gaarummaa wayita kabajamus, lammiilee rakkataniif qooduun aadaa waldeeggarsaa fi waltumsuu guyyaa itti cimsinuudha jedhaniiru.

Gochaalee gaarummaa walfakkaataan hawaasaa keessatti baratamaa akka dhufuuf, aadaan waliif yaaduu dagaagaa akka adeemu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.

Qabeenyaa dhaabbilee garagaraa fi tola ooltotarraa walitti qabame, lammiilee harka qalleeyyii fi daa’immaniif deeggarsa taasisuun kan jajjabeeffamuu ta’uu eeruu TOI gabaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment