Aadaa keenya guddina Tuuriiziimii keenyaaf haa oolchinu-Aadde Sa’adaa Usmaan

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Feestivaalli aadaa godinaalee fi magaalota Oromiyaa hunda keessatti haala ho’aan kabajamaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Tuuriiziimii Oromiyaa Aadde Sa’adaa Usmaan ibsan.

Aangoon Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Afaan, Aadaa, Seenaa fi Aartii Oromoo qoratee misoomsuun qabeenya Aadaafi Tuuriziimii naannichaa guddina hawaas dinagdee naannichaaf, akkasumas biyyaatiif oolchuudha kan jedhan Aadde Sa’adaan Biirichis aangoo labsiidhaan kennameef kana milkeessuudhaaf hojiiwwan guddina aadaa Oromootiif galtee ta’uu danda’an hedduu qorachuun gara hojiittis jijjiiraa jira jedhan.

Aadde Sa’adaan akka jedhanitti hojiiwwan misooma aadaa keenyaaf lafee dugdaa ta’an keessaa tokko torbee aadaa geggeessuudha.

Kaayyoon torbee aadaa qabeenya aadaa uummata keenyaa, ogummaafi kalaqa jiru beeksisuun danaa gaarii naannoo keenyaa ijaaruun guddinaafi babal’ina industrii aadaafi artiif gumaacha taasisuudha.

Akkasumas bu’aawwan indaastirii aadaa guddina tuurizimii kessatti gahee akka taphatan taasiisuudha jedhanii kallattii kanaan dura Waajjiraalee Adaafi Tuurizimii Aanaalee, Godinaaleefi Magaalota Oromiyaa hundaaf laatameen Guraandhala 07, 2014 hanga Guraandhala 14,2014tti torbee aadaa ta’ee sirnoota garaa garaan kabajamuu ibsaniiru.

Bu’uuruma kallattii hojii kennameen torbeen aadaa bara 2014 mata duree “Misooma Aadaa keenyaa Guddina Tuurizimiif” jedhuun agarsiisa aadaa garagaraa:

~ agarsiisa uffata aadaa

~agarsiiisa nyaata aadaa

~agarsiisa hojii ogummaa harkaa

~agarsiisa sirboota aadaa,

~waldorgommii guluffii fardaafi kkf saganticha miidhagsuun haala ho’aa ta’een godinaaleefi magaalota Oromiyaa hunda keessatti kabajameera.

Sirni beekamtii kennuu qaama hojii ayyaana kanaa waan ta’eef, xumura sagantichaa irratti qaamolee waldorgommii hawwisoofi agarsiisa aadaa irratti hirmaachuun kanneen milkaa’aniif bakka hoggansi aanaalee, godinaalee fi magaalotaa akkasumas keessummoonni garagaraa argamanitti badhaasifi beekkamtii kennamee jira.

Aadaan keenya eenyummaa keenya waan ta’eef, yeroo kamillee aadaa keenya misoomee guddina Tuurizimii keessatti shoora akka taphatuuf qaamoleen hawaasaa hundi ga’ee keessan akka ba’atan Aadde Sa’adaan dhaamaniiru.

Dhumarrattis, Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa torbee aadaa akka naannootti Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashemanneetti waldorgommiifi agarsiisa Industirii Aadaa garagaraan bakka naannoleen ollaa, hoggansi federaalaa, godinaaleefi magaalotaa argamanitti kabajuun saganticha goolabuuf qophiirra akka jiru aadde Sa’aadaa Usmaan ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii mootummaa Oromiyaarra argame ni muldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment