Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC) – Pireezidaantoonni naannolee Ayyaana Iidal Adahaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilee Hasan hawaasa Musiliimaa maraan baga Ayyaana Iidal Adahaa  waggaa 1444ffaan isin ga’e jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaanni Iidal Adahaan ayyaana duudhaa tokkummaa fi waliin jireenyaa ummataa cimsan keessaa isa tokko ta’uu eeraniiru.

Akkaataa barsiifatan amantaan ammoo Iidal Adahaan waliif ajajamuu, wareegama fi cichoomina amantaa mirkaneessuu ta’uu kaasaniiru.

Pireezidaantiin Mootummana nannnoo Hararii Obbo Ordiin Badiriinis Ayyanaa Iidal Adahaa sababbeeffachuun erga baga ittin isiin gahee dabarsaniiru.

Hawaasni muuslimaa wayita ayyyaanicha kabajan lammiilee rakkatan garagaruun ,kan beela’aniif laachuu , kan dheebootaan obaasuun akkasumas, aadaa deeggarsaa hawaasni muslimaa ittiin wal deeggaruun wal tumsaa akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.

Akkasumas Pireezidaantiin naannoo Gaambeellaa Obbo Uumood Ujuluun hawaasa Musliimaa maraan baga ayyaana Iidal Adahaa geessan jedhaniiru.

Ayyaanichi ayyaana jaalalaa, tokkummaa, fayyaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

Hawaasni ayyaanicha wayita kabaju tokkummaa fi jaalalaan akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment