Finfinnee, Caamsaa 4, 2015 (FBC) – Ameerikaatti Kantiibaan magaalaa Atlaantaa Andiree Diikansiin wiirtuu misooma Intarpiraayizii Ityoophiyaa “Creative Hub Ethiopia” jedhamu daawwataniiru.
Jilli kantiibichaan durfamu giddugalichatti argamuun hojiilee kalaqaa dargaggootaan hojjetaman daawwachuu isaanii ibsameera.
Andiree Diikansiin Ityoophiyaatti abbootii kalaqaaf carraan mijataan jiraachuu eeruun, kalaqa kanneen gara maallaqaatti jijjiiruuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
“Creative Hub Ethiopia” giddugala dargaggoonni hojiilee fi yaada haaraa qaban gara gochaatti akka jijjiiran deeggarsa adda addaa taasisuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.