Rakkoolee daangaa Ityoophiyaafi Sudaan furuuf biyyoonni lameen Koree waloo Ministirootaa hundeessuun hojjechaa jiru- MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 19, 2015(FBC)- Rakkoolee daangaa Ityoophiyaafi Sudaan furuuf biyyoonni lameen Koree waloo Ministirootaa hundeessuun hojjechaa jirachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Sababa biyyoota lameen gidduu daangaan sararamuu dhabeef gaaffiin naaf mala jedhu kaa’aa turuu, kan bu’uureffatees walitti bu’iinsi uumamaa turuu yaadachiisuun, rakkoo kana furuuf biyyoonni lameen Koree Waloo Ministirootaa hundeessuun hojjechaa jiraachuu ibsa guyyaa har’aa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf taasisaniin ibsaniiru.

Dhimma daangaa sararuu mariin furuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, daandiin faayidaa qabus kana ta’uu dubbataniiru.

Rakkoo gama Suudaan Kibbaan jiru furuufis mootummaa biyyattii waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Comments (0)
Add Comment