Bittaa Xaa’oo bara Oomishaa 2015/16f Birrii biiliyoonni 21 deeggarsi taasiifame – Ministeera Qonnaa

Bittaa Xaa’oo bara Oomishaa 2015/16f Birrii biiliyoonni 21 deeggarsi ni taasiifama – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Galteewwanii fi Bittaa Xaa’oo bara Oomishaa 2015/16f Birrii biiliyoonni 21 deeggarsi kan taasiifamu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksiise.

Ministeerichi galteewwan Xaa’oo Qonna Gannaa bara oomishaa 2015/16 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laateera.

Mootummaan haala waliigalaa tilmaama keessa galchuun galteewwanii fi bittaa Xaa’oof Birrii biiliyoona 21 deeggarsa kan taasiisu ta’uu ibseera.

Xaa’oo kuntaala tokkorratti mootummaan Birrii kuma 1 fi 566 deeggarsa kan taasiisu ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.

Sanyii filatamaa kuntaala kuma dhibba 3 fi kuma 70 dhiyeessuuf dhaabbileen Federaalaa Sanyii Filatamaa baayyisan qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Galteewwan Qonnaan yeroon dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaan himaniiru.

Xaa’oo bara Oomishaa 2015/16 f bittaan raawwatee Buufata qaqqaban keessaa % 90 Kuusaa naannolee qaqqabuu eeraniiru.

Xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 15 misooma jallisii bara kanaaf hojiirra ooluu isaa himaniiru.

Yisimaaw Adaraa fi Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment