Qaamolee lammiilee hongeen miidhamaniif tumsa taasiisaniif beekkamtiin laatame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC) – Hongee godinaalee Oromiyaa garaagaraatti mudate hordofee qaamolee lammiilee miidhamaniif tumsa taasiisaniif beekkamtiin marsaa jalqabaa laatameera.

Rakkicha furuuf qaamolee deeggarsa namoomaa dhiyeessaniif sirni beekkamtii kennuu gaggeeffameera.

Sirna kanarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroo argamaniiru.

Sirni beekamatii kennuu Buusaa Gonofaa kun Galmaa Waajjira pireezidaantii Naannoo Oromiyaatti gaggeefmeera.

Itti aanaan pireezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin carraqqii mootummaa taasissuun cinaatti hirmaannan hawaasa fii dhaabbileen dhuunfaa hawaasa hongeen miidhame baraaruu taasissan galateeffataniiru.

Namoota dhuunfaa dhaabbilee deeggarsa taasisaniif pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo shimmallis Abdiisaan beekamatii kennaniiru.

Milkeessaa Sabbooqaa fi Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment