Baankiin hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila laatu ebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Baankiin hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila laatu ebbifame.

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa Finfinnee Caffee Muudaa/ Lidataa/tti dameesaa hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajila kennu ebbisiisera.

Baankichi damee kanaan hojii eegaluun isaa hirmaannaa fi ga’oomina dubartootaa dabaluuf akka ta’e preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Baacaa Giinaa dubbataniiru.

Baankichi dubartoota dorgomaa ta’anii fi dandeettii qaban horachuuf hojjechaa jira jedhan.

Baankii damee dubartoota qofaan tajaajila laatu banuunis kutannoo baankichi dubartoota ga’oomsuuf qabu kan agarsiisuudha jedhan obbo Baacaan.

Herreega qusannoo dubartootaa kanaan Birriin biiliyoonni 47 qusatameera jedhan preezdaantichi.

Baankiin hojjettoota dubartoota qofaan tajaajila laatu kun Finfinneetti damee lammaffaa akka ta’e dubbataniiru.

Akka ragaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaarraa argame muul’isutti tajaajilli dubartoota qofaan yaa laatamu malee ummanni hundi tajaajila damichaarraa ni argatu.

Dubartoonni hoggansarratti cimina waan qabaniif dandeettii fi humna isaanii guutuun yoo hojjetan ammoo bu’aan isaan galmeessan olaanaadha jedhame sirna eebbaa kanarratti.

 

 

Comments (0)
Add Comment