Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015 (FBC) – Komishiniin Maree Biyyaalessaa sirna wixinee ajandaa walitti qabuu irratti naannolee ollaa Bahaa fi qooda fudhattoota waliin magaalaa Jigjigaatti mari’achaa jira.

Bakka buutoonni Godinaalee 11 fi aanaalee garaagaraa naannoo Somaalee akkasumas bakka bu’oonni naannoo Hararii fi bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, waldaalee Siiviilii, Paartilee Morkattootaa, dhaabbilee amantaa fi jaarsoliin biyyaa marii kanarratti hirmaachaa jiru.

Komishinar Mahaammad Diriil,hojmaataa fi adeemsa komichinicharratti ibsa taasisaniiru.

Kaayyoon waltajjichaa mareen biyyaalessaa hirmaachisaa, iftoomaa fi hammataa akka ta’u taasiisuufi jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment