Harargee Lixaatti qonna jallisii boneen lafa hektaara kuma 21fi 500 irratti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti qonna jallisii bonee bara kanaan lafa hektaara kuma 21fi 500 irratti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiiseera.

Facaasaan Qamadii jallisii bonee bara kanaa marsaa 1ffaan sadarkaa godinichaatti Aanaalee Bookee fi Daaroo Laabuu Laga-Dhungataatti bakka hoggansi Godinaa, Aanaa fi ogeeyyiin qonnaa argamanitti eegaleera.

Itti aanaa Bulchaan godina Obbo Tashoomaa Kabbadaa,hojii misooma qamadiin bara darbe hojjatama ture muuxannoo gaariin kan irraa argamee ta’uu himanii,bara kanas hojicha caalamatti milkeessuuf hojjatamaa jira jedhan.

Godinichatti barana qonna jallisii boneetiin qonnaan bultootaa abbaa warraa kuma 25 ol fayyadamtoota taasisuuf lafa hektaara kuma 21fi 500 irratti qamadii misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Callaa kuntaala kuma dhibba 8 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinicha Obbo Husseen Mohammad ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii gidina Lixaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment