Waltajjiin Gumii Balal marsaa 24ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015 (FBC) – Waltajjiin Gumii Balal marsaa 24ffaan mata duree “Ayyaana Irreechaa mallattoo nagaa fi obbolummaa” jedhuun waajjira pireezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.

Humnootni ilaalcha dogoggoraan Irreecha ilaalan akka waan Irreechi nagaa hin qabneetti ilaalaa turanis Uummatni Oromoo miiliyoonaan lakkaa’amu waggaa waggaan Ayyaanicha nagaafi jaalalaan ayyaaneffachuun nageenyummaa Irreechaa itti agarsiisera jedhan Abbootii Gadaa maricharratti hirmaatan.

Waltajjicha irrattis Abbootiin Gadaa fi Hayyootni Seenaa garaagaraa akkasumas dhimmamtootni hirmaataniiru.

Waltajjicha kan gaggeessan Waajjira Paartii Badhaadhinaatti daayrektera qorannoo fi qo’annoo kan ta’an Dooktar Kadir Maammoo fi daayrekteera giddugala aadaa Oromoo Obbo Dirribaa Tafarraati.

Waltajjii marii kanarratti hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo haasaa baniinsaa taasisaniin,Waggoota hedduuf Oromoon Ayyaana Irreechaa bifa tokkoomeen kabajuu baatus, namootni muraasni aadaan kun akka hin banneef dhoksaan akka kabajan taasifamaa tureera jedhaniiru.

Humnootni ilaalcha dogoggoraan Irreecha ilaalan akka waan Irreechi nagaa hin qabneetti ilaalaa turanis Uummatni Oromoo miiliyoonaan lakkaa’aman Ayyaanicha nagaafi kabajaan ayyaaneffatanii itti agarsiisaniiru jedhan.

Obbo Huseen ammas Irreechi madda nagaafi jaalalaa waan ta’eef uummatni keenya ayyaanicha kabajuuf garasitti wayita imalu nageenya isaa eeggachaa yoo rakkoon kan mudatu tahes qaamolee nageenyaaf eeruu kennaa ayyaanicha nagaan akka kabajatu dhaamameera.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment