Keeniyaan Diimookiraasiin biyyoota biroof fakkeenya ta’uu dandeessi – Wiiliyaam Ruutoo

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) –Wiiliyaam Samoyii Ruutoon pireezdaantii Keeniyaa 5ffaa ta’uun sirna kakuu seenuu gaggeeffameen har’a muudamaniiru.
Pireezidantiin duraanii Uhuuruu Keeniyaataan sirnicha irratti argamuun heera biyyattii fi mallattoo isaanii kan tahe goraadee pireezidaanti Wiiliyaam Ruutootti kennaniiru.
Ruutoon pireezidantii biyyattii akkuma tahaniin ajajaa olaanaa humna waraanaa Keeniyaas tahan jechuudha.
Sirna kana irratti hoggantootni biyyoota 20 oliifi bakka buutoonn biyyoota hedduu argamaniiru.
‘’Ayyaana waaqayyoon as geenye. Yeroon kun akka yeroo kaanii miti. Bakka kana dhaabbachuun Waaqayyoo teessoo isaa irra jiraachuu isaaf dhugaa bahumsadha. Mucaan baadiyyaa tokko pireezidaantii Keeniyaa tahuu isaaf Waaqayyoo jiraachuuf ragaadha.’’ Jedhan.
Ruutoon dimokiraasii biyyattii irratti hojii guddaatu hojjetame jechuun komishinii biyyaalessaa biyyattiis galateeffatan.
Keeniyaan diimookiraasiin biyyoota biroof fakkeenya ta’uu akka dandeessu eeruun, bulchiinsi isaanii guddina dimokiraasii biyyattiif kana caalaa akka hojjetu himaniiru.
Dubartootni 7 bulchitoota tahuun filatamuu fi 29 ammoo Mana Maree biyyattiif filatamuun dubartoota haala gaariin hirmaachisuu dubbatan.
‘’Filannoo kana irratti kan mo’ate uummata Keeniyaati,’’ kan jedhan Ruutoon hogganaa komishinii filannoo biyyattii (IEBC) Wafulaa Chebukaatii galateeffataniiru.
Murtoo abbootiin seeraa mana murtii waliigalaa biyyattii dabarsanis jajaniiru.
Dhaabbilee haqaa biyyattii cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabdummaa irratti jabeessanii hojjechuuf waadaa galuu isaanii BBC gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment