Hawaasni Idil addunyaa gochaa suukaneessa gareen ABUT jalqabe balaaleffachuu qaba –

Mootummaan naannoo AfaaFinfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) –Hawaasni Idil addunyaa gochaa suukaneessa gareen ABUT jalqabe balaaleffachuu akka qabu Mootummaan naannoo Afaar ibseera.

Mootummaan naannoo Afaar haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Gareen ABUT karaa naannoo Amaaraa fi Afaariin weerara banuun meeshaalee waraanaa gurguddoo fayyadamuun gochaa suukaneessa ummatarratti raawwataa jiru hawaasni idil addunyaa balaaleffachuu akka qaba gaafaateera.

Gareen shororkeessaa ABUT kallattii kanaan dura waraana banee tureen ammas weerara banuun haleellaa lammiilee nagaarratyi xiyyeeffate raawwachuu eegaluu ibseera.

Naannoo Afaar karaa godina Fantii Raasuu aanaa Yaalloon meeshaalee waraanaa gurguddoo Horsiisee bultootarratti dhukaasuun daa’immaanii fi dubartoota haala suukaneessaa ta’een ajjeesuu fi miidhaa hammataa qaqqabsiisuu mootummaan naannichaa ibseera.

Garichi miidhaa suukaneessaa caalu naannoo Amaaraa fi Afaar irra qaqqabsiisuuf hojjechaa jiraachuu mootummaan naannoo Afaar ibsa isaan eereera.

Hawaasni idil addunyaa gochaa suukaneessaa gara jabinaa garichi ummata nagaarratti raawwataa jiru balaaleffachuu akka qabu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment