Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti lakkoofsi lammiilee balaa lolaan buqqa’anii dabalaa dhufuu isaan qaamni hundi deeggarsa akka taasiisu Pireezidaantiin naannichaa waamicha dhiyeessan.

Lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa marsaa jalqabaa laachuun eegalameera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Uumood Ujuluun aanaa Laareetti argamuun haasawa taasiisaniin aanaalee naannichaa 8 keessatti balaan lolaa muudachuun isaan jiraattoonni hedduun buqqa’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa deeggarsa yeroo ariifachiisaaf Birrii miiliyoona 10 ramaduun hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Jiraattoonni kumni 75 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’uu himaniiru.

Lammiilee kanneen deebisanii utubuuf Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 80 kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoon qaqqabe humna naannichaa ol ta’uu isaan qaamni hundi tumsa barbaachisu taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment