Dhaabbilee Fayyaa sababa waraanaan miidhaman keessaa 463 tajaajila laachuu eegalan

Dhaabbilee Fayyaa sababa waraanaan miidhaman keessaa 463 tajaajila laachuu eegalan

Finfinnee, Hagayya 15, 2014 (FBC) – Naannoo Afaarii fi Amaaraatti dhaabbilee Fayyaa sababa waraanaan miidhaman 536 keessaa 463 tajaajila laachuu eegaluu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Dhaabbileen 319 gariiniin tajaajila kan eegalan ta’uu isaaniin, dhaabbileen kunneen tajaajila guutuu akka laataniif hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Dhaabbilee kanneen guutummaatti hojiitti galchuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

Dhaabbilee Fayyaa kanneen Saphuu fi deebisanii ijaaruuf dhaabbilee deeggartootaa, mootummaa, abbootii qabeenyaa,Diyaaspoorawwanii fi kutaalee hawaasaa garaagaraarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 6 ol walitti qabamuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment