Sagantaan badhaasa barreessitootaa ‘Gaaddisaa Awwaardi’ Adoolessa 23, 2014 gaggeeffama

Finfinnee, Adoolessa 20, 2014 (FBC) – Sagantaan badhaasa barreessitootaa Oromoo ‘Badhaasa Gaaddisaa’ (Gadisa Award) jedhamuu Adoolessa 23, 2014 akka gaggeessuu Waldaan Barreessitoota Oromiyaa beeksise.

Waldichi saganticha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Yaadannoo barreessaa gameessa Gaaddisaa Birruu sababeeffachuun badhaasa ogbarruu Gaaddisaa (Gadisa Award) jedhamu, badhaasa akka biyyattii kan jalqabaa ta’e Adoolessa 23, 2014 Hoteela Intarnaashinaalii Ililliitti gaggeessuuf qophiitti akka jiru waldichi ibseera.

Waggoottan 10 darbanitti Waldaan Barreessitoota Oromiyaa aartii oromoo keessatti bu’aa galmeessuun eerameera.

Waldichi, barreessitoota asoosamaa (dheeraa fi gabaabaa), iskiriiptii diraamaa fi fiilmii, walaloo, muuziqaa fi afoola dorgomsiisuun kan badhaasu ta’uun eerameera.

Kaayyoon ‘Badhaasa Gaaddisaa’ dhaloota barsiisu fi beekkamtii kennuuf yoo ta’uu waggaa waggaan kan gaggeeffamuudha jedhameera.

Mulugeetaa Girmaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment