Indaastirichi maashinariiwwan Birrii miiliyoona 516.9tti shallagaman suphuun gara diinagdeetti galchaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Indaastiriin Oomisha Qonnaa Adaamaa baatiwwan 6 darbanitti maashinariiwwan Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 16 fi kuma dhibba 9tti shallagaman suphuun gara diinagdeetti galchaa jiraachuu ibsameera.
Maashinariiwwan kanneen keessaa tiraakteerota, meeshaalee jijjiirraa tiraaktaraa fi paampiiwwan bishaanii Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 77.8tti tilmaamaman suphuun qaamolee bittaaf gaafataniif dhiyeessuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Ityoo-Injinariing Giruupi Ambaasaaddar Misgaanaaw Araggaa dubbataniiru.
Haaluma kanaan Naannoolee Somaalee, Uummattoota Kibba-Lixa Ityoophiyaatti Godina Kafaa fi dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa biroof dhiyeessuun danda’amuu ibsameera.
Indaastirichi maashinariiwwan waggoota dheeraaf diinagdee sochoosaa hinturre yeroo ammaa sochii diinagdee keessatti gahee isaanii akka bahatanii hojjetamaa jiraachuu Ambaasaaddar Misgaanaan dubbataniru.
Seektara qonnaarrattis keessumaa qamadii bonaa oomishuurratti bu’aa fooyya’aa argamsiisuu himanii, sochiin kun maashinaariin caalmaan yoo deeggarame bu’aa fooyya’aan ammas galmaa’uu akka danda’u himaniiru.
Indaastirichi dinagdee biyyattii keessatti gumaachaa kan qaban maashinoota qonnaa ammayyaa’oo erga hojiirra oolchee gaaffiin tiraaktaroota Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 39 baasaanii dhiyaatee hojjetamaa jraachuu eeraniiru.
Kana malees, indaastirichi meeshaalee dheedhii tiraaktaroota kuma 3 fi 400 ol fi paampiiwwan bishaanii 318 oomishuu danda’anii fi kanneen gara diindagdeetti jijjiiruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Ityoo Injiinariingi Giruup, dhaabbilee misoomaa mootummaa dameewwan garagaraarratti bobba’an sagal kan of jalatti hammate yoo ta’u, dameen maashinarii qonnaan adaama isa tokko.
Tsaggayee Wandasantu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment