Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf barnoota Seenaa irratti fooyya’iinsi akka barbaachisu eerame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Waliigaltee biyyaalessaa uumuuf barnootaa Seenaa irratti fooyya’iinsi akka barbaachisu Hayyuun Seenaa Proofeesar Baahiruu Zawdee ibsan.
Waggaa tokkoon dura kan hundeeffamee Waldaan Hayyootaa Seenaa, Ministeeraa Nageenyaa fi Deestinii Ityoophiyaa waliin ta’uun “Waliigaltee biyyalessaaf gahee Seenaa” mata duree jedhuun mari’ateera.
Maricharratti Preezidaantiin Yeroo Waldaa Hayyoota Seenaa Ityoophiyaa Proofeesar Taarikuu Zawdee, Seenaa barreessuun kan jalqabamee Yunvarsiitii Finfinneetti waggoota 60 dura jedhan.
Seenaan Waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu yoo ta’u, falmiiwwan jiran furuuf Seenaa Ityoophiyaa bakka bu’u barreessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Barnoonni seenaa yunvarsiitiwwan biyyattii hedduutti kan kennamu ta’us, hubannoo seenaarratti garaagarumma jiru dhiphisuun akka hindanda’amne ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam gama isaaniin, seenaan Ityoophiyaa walbuusaa dhufuun lammiileen seenaa isaanii sirriitti akka hinhubanne taasiseera jedhan.
Seenaa biyyattii irratti mari’achuun yoo waliigalteerraa hinga’ame, rakkoo biyyaalessaa amma jiru furuun akka hin dand’amu jedhan.
Dhaloonni ammaa seenaa beekuun biyya ceesisuuf, beekumsa seenaa akka qabaatu hayyoonni seenaa hubannoo uumuu akka qaban dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment