Nageenyii fi Tasgabbiin Afrikaa akka mirkanaa’u tumsaan hojjechuun barbaachisaadha – Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Nageenyii fi Tasgabbiin Afrikaa akka mirkanaa’u jijjiirramaa kan ta’e naannawaa gaafa Afrikaa fi sardakaa Ardiitti tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Itaamaajoor Shuumniin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsan.
Walga’ii 17ffaa Itaamaajoor Shuumiwwanii Raayyaa Ittisaa fi hoggantoota Tika nageenyaa Afrikaa qopheessuuf koreen addaa Teeknikaa Raayyaa Ittisaa, Tika Nageenyaa fi ogeeyyiin Tika Nageenyaa magaalaa Finfinneetti walga’ii taa’aa jiru.
Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf tumsaan hojjechuu kan gaafatu ta’uu Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan eeraniiru.
Jijjiirramaa kan ta’e naannawaa gaafa Afrikaa fi sardakaa Ardiitti tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment