Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan har’a ni xumurama

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Yaa’iin idilee hoggantoota Gamtaa Afrikaa 33ffaan har’a ni xumurama.

Mata duree “Ardii sagaleen meeshaa waraanaa keessatti hin dhaga’amne yaa uumnu” jedhuun yaa’iin idilee guyyoota lamaaf gaggeeffamaa jiru har’a ni xumurama.

Yaa’ii 33ffaa kanarratti preezdaantonni biyyoota miseensa gamtichaa 32, itti aantonni preezdaantii 3, muummeen ministirootaa 7 fi ministiroonni dhimma alaa, akkasumas muummeen ministirootaa biyyoota minseensa gamtichaa hin taane 3 hirmaachaa jiru.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereez dabalatee hoggantoonni olaanoon dhaabbilee idil addunyaa fi giiftii dureewwan biyyoota miseensota gamtichaa 18 yaa’ii kana cinaatti walga’ii garagaraa gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, guyyaa har’a waaree booda ni xumurame jedhameet eegama.

 

Comments (0)
Add Comment