Proojektiin Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 33n ijaarrame tajaajila barbaaddamu kennaa hin jiru jedhan jiraattoonni Godina Shawaa Lixaa

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC) –Proojektiin Bishaan dhugaatii baasii Birrii miiliyoona 33n ijaarrame tajaajila barbaaddamu kennaa kan hin jirre ta’uu jiraattoonni Godina Shawaa Lixaa ibsan.

Proojektiin kun tajaajila irraa eegamu laachuu dhabuu isaan rakkoof saaxilamuu jiraattoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Iddoolee garaagaraatti Proojektoonni Bishaan dhugaatii eegalamaanii osoo hin xumuramin waggoota hedduu lakkoofsisanis tajaajila ga’aa kennaa kan hin jirre ta’uu dubbataniiru.

Proojektoonni maallaqni ummataa fi mootummaa hedduun baasii itti ta’an baayy’een isaanii komii ummataa ta’aa jiraachuu ibsameera.

Proojektoota kanneeniif furmaanni hatattamaa kaa’amuufii akka qabu jiraattoonni gaafataniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet daawwannaa Godina Shawaa Lixaa Gincitti taasiseen rakkoon hanqina Bishaan dhugaatii daraan hammataa ta’uu hubachuu danda’eera.

Akka fakkeenyaan waggaa lama keessatti xumuramuuf ijaarsi isaa kan eegalame Proojektiin Bishaan dhugaatii Birriin miiliyoonni 33 baasii itti ta’e waggaa 7ttis tajaajila barbaaddamu kennaa kan hin jirre ta’uu ibsameera.

Proojektichaaf yeroo ammaa baajanni dabalataa Birrii miiliyoonni 127 ramadamuun gara hojiitti galchuuf sochiin eegalamuu beekkameera.

Komiin damichaan ka’aa jiru sirrii ta’uu itti aanaa hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Injiinar Abboomaa Tarreessan ibsaniiru.

Proojektoota jalqabamanii yeroo dheeraa lakkoofsiisan ariitiin gara hojiitti galchuuf qorannoon xumuramuun hojiitti galamuu eeraniiru.

Bara kana Proojektoonni fooyya’iinsi Dizzaayinii taasiifamee 80 xiyyeeffannoo addaan hojjetamanii tajaajila akka laataniif hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment