Korichi hojii manneen murtii sadanii daawwate

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demookraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI daawwannaa manneen murtiitti taasiseen rakkoon beellama manneen murtii dheerachuu akka jiru himeera.

Korichi daawwannaan booda hoggantoota olaanoo manneen murtii waliin mari’ateera.

Maricharratti preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii dabalatee hoggantoonni Manneen Murtii Olaanoo fi Sadarkaa Jalqabaa argamaniiru.

Riifoormii manneen murtiirratti labsii fooyyessaa qopheessuu fi qorannoo garagaraa gaggeessuun, jalqabbii gaarii akka ta’e koreen dhaabbii kun ilaalera.

Seerota qophaa’anii fi sanadoota qophaa’anirratti abbootiin seeraa hirmaachuu akka qaban waltajjii marichaarratti ka’eera.

Komii hawaasarra yeroodhaa gara yerootti dhufu hiikuuf hoggansi carraaqqii kan taasise yoo ta’ellee, rakkoon beellamni dheerachuu akka jiruu fi murteewwan kennamanirratti garagalchi jiraachuu akka qabu koreen dhaabbii kun eerera.

Marii koreen dhaabbii hojjettoota waliin taasiseen yaadota ka’anirratti kutaalee hawaasaa turjumaanni afaanii isaan barbaachisuuf dhaabbanni tajaajila kana kennu akka hin jirre beekuu danda’eera.

Gama biraatin lafa qonnaa baadiyyaa fi dhimma hawaasaa waliin walqabatee seeronni fooyya’uu akka qabanis kaasaniiru.

Preezdaantiin Mana Murtii Waligalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafiin waltajjicharratti yaada laataniin manneen murtii hojiiwwan riifoormii bal’aa hojiirra oolchaa akka jiran eeruun, hojiiwwan riifoormii hedduurratti abbootiin seeraa hirmaachifamuu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment