Dhimmi Nageenyaa fi rakkoon hongeen muudataa jiru xiyyeeffaannoo qaama hundaa barbaada – Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Dhimmi Nageenyaa fi rakkoon hongeen muudataa jiru xiyyeeffaannoo qaama hundaa kan barbaadu ta’uu Preezdaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii qaama raawwachiiftuu baatiiwwan torban darbanii miseensota caffeef dhiyeessaniiru.
Dhimmi nageenyaa naannichaa fi rakkoon hongeen mudataa jiru dhimma xiyyeeffannoo qaama hundaa barbaadu ta’uu kaasaniiru.
Gareen Shaneen haala safuu fi duudhaa ummata keenyaa falleessuun abbootii fi haadholiirratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaas garee ergamaa ABUT milkeessuuf socho’aa jiru karaatti deebisuf akkuma kaleessaa Kan hojjetu ta’a jedhan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa kanneen adeemsa diimookraatawaa hordofuun nageenya uummataaf wabii ta’uu barbaadan waliin hojjechuu itti fufa jedhan.
Ji’oottan torban darbanitti carraa hojii dhaabbii kuma 841.17 fi carraa hojii yeroo kuma 296.5 waliigalaan carraa hojii dhaabbii fi yeroo miil.1.14 uumuun danda’aamusaa ibsaniiru.
Carraa hojii uumuu kana keessatti hirmaannaan dubartootaa %28.3 qofa yeroo ta’u, fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiin hojjetame hanqina bal’aa akka qabu kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.
Qaamooleen dhimmi ilaalu hundi rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha jedhan obbo Shimallis.
Proojektoota invastimantii haaraa kuma 3 fi 470, babal’isuu 76 waliigalaan proojektoota kuma 3 fi 548 kaappitaala Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 74.1 galmeessan namoota kuma dhibba 5 fi kuma 45f carraa hojii uumamuu danda’eera jedhan.
Hojii ijaarsa proojektootaa daandiin bara 2014 xumuraarra waliin gahiinsa daandii naannichaa km 60,665 gahuf hojjetamaa jira.
Sagantaa waliin gahiinsa daandii baadiyyaan sararoota ijaarsa bara baajataa 2014 keessa eegalame sararoota 780rratti cirrachaan uwwisuuf hojjetamaa jiru keessaa hanga ammaa km 512 ol raawwatameera.
Daagmawii Deeksiisaa fi GammachiisTaarikuutu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment