Aanaa Kuyyuutti shaneerratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti qaamni nageenyaa Shanee irratti tarkaanfii fudhachuu ibsameera.
Godina Shawaa kaabaa Aanaa Kuyyuu Ganda Ceekaa iddoo addaa Ceekaa jedhamutti, qaamni nageenyaa miseensota Shaneerratti tarkaanfii fudhateera jedhame.
Gareen Shanee ummata saamuu, gidirsuufi ajjeesaa ture ammas Godina Shawaa Kaabaa Ganda Ceekaa jedhamutti gocha diinummaa isaanii kana itti fufuun horii qotee bulaa saamanii qalatanii osoo nyaachaa jiranii qaamoleen nageenyaa eeruu ummatarraa tarkaanfii fudhateera.
Tarkaanfii kanaanis Shanee sadi achumatti ajjeesuun, sadi’ii ammoo akka booji’amuu ragaan BDhKMNO argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment