Walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yukreen hammaachaa dhufe biyyoota guddachaa jiranirratti dhiibbaa olaanaa uuma jedhame

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yukreen gidduutti daraan hammaachaa dhufe biyyoota guddachaa jiranirratti dhiibbaa olaanaa kan uumu ta’uu Hayyuun Diinagdee Dooktar Qosxanxiinoos Biruhitasfaan ibsaniiru.
Waraanni uumamaan miidhaa namoomaa fi qabeenyaa qaqqabsiisu dabalataan miidhaan diinagdee uumuu salphaa akka hin taane eeraniiru.
Waraanichi furmaata argatullee godaannisni dhala namaarratti kaa’ee darbu daraan ulfaataa ta’uu kaasaniiru.
Walitti bu’iinsi Raashiyaa fi Yukreen gidduutti daraan hammaachaa dhufe miidhaa hedduu kan qaqqabsiisu ta’uu Hayyuun Diinagdee Dooktar Qosxanxiinoos eeraniiru.
Keessattuu biyyoota guddachaa jiranirratti dhiibbaan uumuu salphaa kan hin taane ta’uu dubbataniiru.
Sababa waraana kanaan gatiin boba’aa addunyaarratti dabaluun dhiibbaa diinagdee uumaa jiraachuu himaniiru.
Bara Faranjootaa 2020 biyyoonni Afrikaa oomisha qonnaa Doolaara biiliyoona 4 baasu Raashiyaa kan galchan yoo ta’u, kana keessaa % 90 oomisha qamadii ta’uu kaasaniiru.
Akkasumas biyyoonni Afrikaa oomisha Qonnaa Doolaara biiliyoona 2.9 baasu Yukreenii kan galchan ta’uu eeraniiru.
Sababa kanaan waraanichi dhiibbaan diinagdee biyyoota guddachaa jiranirrattii uumamu salphaa hin ta’u jedhan.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment