Lammiilee haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jira – Ambaasaaddar Leencoo Baatii

Finfinnee,Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin beeksiisan.
Lammiilee Ityoophiyaa sababoota garaagaraan karaa seeraan alaa Saa’uud Arabiyaa seenuun hidhaa fi rakkoo hamaaf saaxilaman yeroo gabaabaa keessatti gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Saa’uud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin ibsaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Lammiileen kunneen wayita gara biyyaa deebi’an rakkoof akka hin saaxilamne Koreen Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministeera Dhimma Alaan durfamu hundaa’ee naannolee waliin gara hojiitti galuu eeraniiru.
Ityoophiyaatti sababa walitti bu’iinsaan rakkoon diinagdee fi hawaasummaa muudatus mootummaan Ityoophiyaa muddama hedduu keessa ta’ee Mootummaa Saa’uud Arabiyaa waliin mari’achuun lammiilee kuma 42tti hiiqan gara biyyaatti akka deebi’an taasiisuu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.
Yeroo ammaas lammiileen achi jiran kunneen hanga gara biyyaatti deebi’anitti Mootummaan Saa’uud Arabiyaa seera qabiinsa mirga hidhamtootaa idil addunyaa kabajuun Manneen amala sirreessaa kanneenitti deeggarsi barbaachisu akka taasiifamuuf Imbaasichi itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu dubbataniiru.
Lammiileen karaa seera qabeessan gara Saa’uud Arabiyaatti imalauuf galmaa’anii rakkoo uumame sodaachuun hafan deemuu kan danda’an ta’uu Ambaasaaddar Leencoon eeraniiru.
MaddI:- DhPI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment