Attaasheewwan waraanaa biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif dhimmoota waqtaawaarratti ibsi laatame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa Attaasheewwan waraanaa biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasiisaniif dhimmoota waqtaawaarratti ibsi laatameera.
Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri Jeneraalaa biyyoota Ollaa fi Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul, mootummaan nageenyi akka bu’uuf tarkaanfii hedduu imaluu eeraniiru.
Yaa ta’uutii biyyoonni lixaa tokko tokko ammas garee shororkeessaa ABUTtiif looguun maqaa Ityoophiyaa xureessaa jiraachuu kaasaniiru.
Garichi badii kana dura naannoo Amaaraa fi Afaaritti qaqqabsiise dabalataan ammas naannoo Afaar Abi’aalaatti weerara banuun lammiilee nagaa ajjeesaa fi buqqisaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsa namoomaa gara naannoo Tigraay geeffamus gufachiisuu eeraniiru.
Mootummaan murannoo nageenyaaf qabuun waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu Maree biyyaaleessaa qopheessaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Mareen biyyaalessaa gaggeeffamus gareen shororkeessaa ABUT badii qaqqabsiiseef kan itti gaafatmu ta’a jedhan.
Gareen shororkeessaa ABUT daandii dogonggoraa qabachuun Ityoophiyaa diiguuf yaaluus gootota Ityoophiyaan fashaleessuun danda’amuu Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti daayreektarri olaanaan hariiroo alaa Birgaadeer Jeneraal Bultii Taaddasaan ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment