Proojektiin Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Baha Afrikaa giddu gala qorannoo ijaaraa jiraachuu ibse

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Proojektiin Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Baha Afrikaa Doolaara miiliyoona dhibba 3 oliin Giddu Gala Qorannoo ijaaraa jiraachuu beeksiseera.
Proojektiin Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Baha Afrikaa raawwii hojii waggaa lamaaf walakkaa Keeniyaa Mombaasaatti gamaaggamaa jiraachuu ibseera.
Proojektichi maallaqa deeggarsa Baankii addunyaarraa argame Doolaara miiliyoona dhibba 3 oliin Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessatti Giddu Gala Teeknikaa fi ogummaa 16 ijaaraa jiraachuu ibseera.
Gamaaggama kanarratti jila Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiiliin durfamu dabalatee hoggantoonni Baankii Addunyaa, Koreen Yuunvarsiitii Intar, gaggeessitoonni dhaabbilee Teeknikaa fi ogummaa 16 fi bakka buutoonni Indaastiriiwwanii argamuu ibsameera.
Raawwii hojii dhaabbilee teeknikaa fi ogummaa biyyoota sadi waggaa lamaaf walakkaarratti mari’atamuu ibsameera.
Ijaarsa proojektoota kanneenii keessatti rakkooleen muudatan adda ba’uun yaadni furmaataa kaa’amuu ragaan Ministeera Hojii fi Ogummaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment