Tirast Fandiin diyaaspooraa Ityoophiyaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti manneen barnootaa ijaarsisuufi

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Tirast Fandiin diyaaspooraa Ityoophiyaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti Doolaara miiliyoona 3 manneen barnootaa ijaarsisuuf ta’uu ibsame.

Bakkeewwan waraanaan miidhamanitti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ijaarsisuuf Mnisteera barnootaa fi  Tirst Fandiin diyaaspooraa Ityoophiyaa gidduutti waliigalteen deeggarsaa mallatteeffameera.

Barnoonni Ityoophiyaa sirna barnootaa tureen hedduu miidhamuu fi manneen barnootaa diigaman qulqullina barnootaa haala fooyyessuu danda’aniin kan ijaaraman ta’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Biraanuu Naggaan ibsaniiru.

Manneen barnootaa ijaaraman  kunneen barattoota kuma 3 fi 800 kan tajaajilan ta’uu ibsameera.

Manneen barnootaa kunneen naannoo Amaaraatti 2 akkasumas Afaaritti 2 kan ijaaraman ta’uu fi turtii waggaa 1 keessatti kan xumuraman ta’uu eerameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment