ABUT miidhaan dhaabbilee tajaajila ummataarratti qaqqabsiise gochaa addunyaa kamuurratti hin muul’anne – Hoggantoota Biiroolee Fayyaa

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Midhaan gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee tajaajila ummataarratti qaqqabsiise gochaa addunyaa kamuurratti muul’atee hin beekne ta’uu Hoggantoonni Biiroo Eegguma Fayyaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.
Hoggantoonni lameen Teeleeviizhiinii Faanaan sagantaa ‘Waa’ee Ityoophiyaa’ jedhurratti marii taasiisaniiru.
Haleellaan gareen shororkeessitootaa dhaabbilee fayyaarratti raawwatan seera idil addunyaa kan sarbe, namummaarraa kan fagaate gochaa bineensummaa ta’uu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti jijjiirrama dhufe hordofee dhaabbilee Fayyaarraa miidhaan garaagaraa raawwatamuu Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dookta Mangistuu Baqqalaan ibsaniiru.
Dhaabbilee Fayyaa akka dawootti fayyadamuun tokko wayita suphu, kan biroo barbadeessaa, saamaa, hojiin misoomaa haala milkii qabuun akka hin gaggeeffamen taasiisuu fi dhaabbileen Fayyaa ijaarsi isaanii eegalaman akka hin xumuramen gufuu ta’aa turuu eeraniiru.
Akka Oromiyaatti Ministeera Fayyaan kan mirkanaa’e 413 irra miidhaan qaqqabuu himaniiru.
Ambuulaansiiwwan 38 tajaajilaa ala ta’uu Dooktar Mangistuun eeraniiru.
Haleellaa Gareen Shororkeessaa ABUT raawwateen naannoo Amaaratati Hospitaaloonni 40, Buufataaleen Fayyaa 453, Keellawwan fayyaa kumni 1 fi 850, Baankiin Dhiigaa 4, giddu galli Oomisha Oksijinii naannoo Afaar dabalatee tajaajila laataa ture, waajjiraaleen Fayyaa 82 fi Gamoon Inistiityuutii Qorannoo fayyaa hawaasaa 1 irra miidhaa olaanaan qaqqabu Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Naannoo Amaaraa Dooktar Malkaamuu Habtee ibsaniiru.
Meeshaaleen yaalaa fi Qorichoonni saamamuu fi kan hafan tajaajilaa ala ta’uu Dooktar Malkaamuun eeraniiru.
Sababa haleellaa kanaan lammiileen miiliyoonni 3.7 tajaajila yaala fayyaa dhabuu kaasaniiru.
Dubartoonni guyyaan tajaajila du’umsaa argataa turan 29 tajaajilicha dhabuu fi daa’immaan kumni 96 ol tajaajila talaallii argachuu qaban dhabuu isaanii turtii Faanaa Broodkaastiing Korporet waliin taasiisanii himaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment