Korporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii naannoo Afaaritti lammiilee buqqa’aniif Birrii miiliyoona 15 deeggarsa taasiise

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii naannoo Afaaritti lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu akaakuun taasiiseera.
Hojii gaggeessaa olaanaan Korporeeshiniin Misooma Paarkota Indaastirii obbo Saandookan Dabbabaan deeggarsicha Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaaf laataniiru.
Lammiilee sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif meeshaalee Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu deeggarsa taasiisuu isaanii obbo Saandokaan ibsaniiru.
Preezdaantiin naannoo Afaar obb Awwal Aarbaan deeggarsa taasiifameef galateeffachuun, gareen shororkeessaa ABUT qabeenya saamurra darbee lammiilee nagaa haala sukkaneessaa ta’een ajjeessuu ibsaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment