Dubartoonni magaalaa Dirree Dawaa, Sidaamaa fi Godina Walaayittaa Hiriira baleeffannaa garee shororkeessaa ABUT fi giddu seentummaa biyyoota lixaa gaggeessan

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Dubartoonni magaalaa Dirree Dawaa, Sidaamaa fi Godina Walaayittaa hiriira baleeffannaa garee shororkeessaa ABUT fi giddu seentummaa biyyoota lixaa gaggeessaniiru.
Durbartoonni magaalaa Dirree Dawaa ‘Ityoophiyaatti nagaan yaa bu’u, gareen shororkeessaa yakka dubartootaa fi daa’immanirraan ga’aa jiru yaa dhaabbatu, dhaadannoowwn jedhaniin hiriira nagaa kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachise gaggeessaniiru.
Haleellaa dubartootaa fi daa’immanii ittisuun ga’ee hunda keenyat, miidhaan kooriniyaa yaa dhaabbatu, dubartootaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun ni ga’a, jechuun sagalee ‘NOMORE’ dhageessisaniiru.
Hiriira kanarratti kaantibaa magaalaa Dirree Dawaa dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.
Dubartoonni naannoo Sidaamaas miidhaa gareen shororkeessaa ABUT dubartootarraan ga’aa jiru balaaleffataniiru.
Haleellaa garaa jabinaan garichi dubartoota fi daa’immaniirran ga’aa jiru addabaabayiitti ba’uun balaaleeffataniiru.
Hiriirtoonni kunneen dhiibbaa fi giddu seentummaan biyyoota Lixaa akka dhaabbatus gaafataniiru.
Oduma walfakkaatuun Dubartoonni Godina Walaayittaa gochaa badii garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuun deeggarsa Raayyaa Ittisaaf qaban hiriira ba’uun ibsaniiru.
Biraanuu Bagaashawu fi Xilahuun Huseentu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment