Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisan waliin mari’atame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Ambaasaaddaroota biyyoota Afrikaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisan waliin dhimmoota waqtaawaa ilaalchisee mariin taasiifameera.
Ministeera Dhimma Alaatti Daayreektarri olaanaan Dhimmoota biyyoota ollaa fi mootummoota Misooma Baha Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawulii fi Daayreekterri olaanaan dhaabbilee Idil addunyaa obbo Yooseef Kaasaheen dhiittaa mirga namoomaa gareen shororkeessaa ABUT iddoolee weeraree turetti raawwate Ambaasaaddaroota kanneeniif ibsa taasiisaniiru.
Biyyoonnii fi miidiyaaleen lixaa tokko tokko olola sobaa tamsaasuun maqaa biyyattii balleessaa garee shororkeessaa deeggaruuf sosochii taasiisaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaa ummatan filatamerratti dhiibaa hin malle uumaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.
Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee ofiin furachuuf biyya ga’umsa qabdu ta’uu kaasaniiru.
Dhiibbaa fi giddu seentummaa biyyoonni lixaa taasiisaa jiran waloon balaaleeffachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Biyyoonni Afrikaa hedduun duula Nigahaatti makamuu isaanii galateeffataniiru.
Biyyoonni hanga ammaatti duula kanatti hin makamne akka itti makaman Ambaasaaddaroota kanneeniif waamicha dhiyeessaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaarratti dhiibbaa uumuuf walga’iin waame akka kufu biyyoonni Afrikaa Ityoophiyaa cinaa dhaabbatan akka qaban gaafachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment