Ministeerri Bishaanii fi Inarjii fi Yuuniiseef naannolee hongee fi waraanaan miidhamanitti bishaan dhiyeessu waliigalan

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Ministeerri Bishaanii fi Inarjii fi Yuuniiseef naannolee hongee fi waraanaan miidhamanitti dhiyeessa bishaanirratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Haala bu’uuraalee misoomaa Bishaanii sababa waraanan miidhaman suphuu fi rakkicha waaraan furuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaa fi Ityoophiyaatti bakka bu’aan yeroo Yuuniiseef Jiiyaanfaraankoo Rootiigiliyaanoon waliin haala tumsaan hojjechuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Naannoo Afaarii fi Amaaraatti bu’uuraalee misoomaa bishaanii gareen shororkeessaa ABUT barbadeesse adda baasuun suphaa barbachisu taasiisuuf hojii eegaluu himameera.
Naannolee hongeen muudate godinaalee Oromiyaa, Somaalee fi Afaariittis rakkoo jiru waaraana furuuf dhiyyeessii bishaanirratti deeggarsi kan barbaachisu ta’uu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaan ibsaniiru.
Bu’uuraalee misooma bishaanii barbadaa’an ariitiin suphuun jireenya lammiilee iddoo dura turetti deebisuuf mootummaa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu Ityoophiyaatti bakka bu’aan yeroo Yuuniiseef Jiiyaanfaraankoo Rootiigiliyaanoon himaniiru.
Naannolee hongeen miidhaman deeggaruuf Ministeericha waliin qindoominaan hojjechuuf fedhii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment