Hubannoon Hawaasni Inshuraansii Fayyaa hawaasaa irratti qabu fooyya’aa dhufeera – Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Hubannoon Hawaasni Itti fayyadama Inshuraansii fayyaa irratti qabu fooyya’aa dhufuu Biiroon Eegumaa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Biirichi jalqabbii Horonnaa miseensa Inshuraansii fayyaa kan bara 2014 ilaalchisuun ibsa kenneera.
Kanaan dura ilaalchii fi hubannoon hawaasni tajaajila inshuraansii fayyaa irratti qabu gadi aanaa ta’uu kan himan hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan amma garuu faayidaa isaa hubachuun gaafachuu jalqabeera jedhan.
Waggaa muraasaan dura kan jalqabe tajaajillii inshuraansii fayyaa yeroo gabaabaa keessatti namoonni hedduun miseensa ta’uun fayyadamaa jiru jedhan.
Tajaajilichi kenni Tajaajila fayyaa akka dabalu,qulqullinni tajaajila fayyaa akka fooyya’u taasisuu Dooktar Mangioftuun ibsaniiru.
Bara darbe qofaatti namoonni miiliyoona 21 ta’an fayyadamoo tajaajila inshuraasii fayyaa yoo ta’an, Birriin biiliyoonni 1 ol galii ta’eera jedhan.
Hawaasni hundi fayyadamaa tajaajilichaa akka ta’uuf mootummaan xiyyeeffannoodhaan hojjechaa kan jiruu yoo ta’uu, harka qalleeyyii miiliyoona afuriif baasii isaanii danda’uun fayyadamoo tajaajilichaa akka ta’ani taasifameera.
Rakkoolee hanqina qorichaa fi Tajaajiltummaa irratti muul’atanii furuun tajaajilicha babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Mangistuun himaniiru.
Bara 2014tti aanaalee naannoo Oromiyaa hunda keessatti tajaajilicha jalqabuun abbootii warraa miilyoona 5.2 miseensa Inshuraansii fayyaa taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kanaanis Maatii miiliyoonnii 25 ol fayyadamoo tajaajilichaa ni ta’uu jedhamee eegamaa jedhan.
Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment