Magaalota garee shororkeessitoota ABUT fi Shaneen miidhaan irra ga’e gara sochiitti deebisuu barbaachisa- Hoggantoota Biiroo Maallaqaa

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Magaalota gochaa garee shororkeessitoota ABUT fi Shaneen miidhaan irra ga’e gara sochii idileetti deebisuun akka  barbaachisu hoggantoonni Biiroo Maallaqaa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa ibsan.

Hoggantoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii taasisaniiru.

Gareen shororkeessaa Shanee bakkeewwan muraasatti daandiiwwan cufuunii fi uummata shororkeessuun sochii daldalaa hawaasaa gufachiisuu hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa obbo Tolasaa Daggafaa ibsaniiru.

Gochaa isaa kanaan garichi galii mootummaa naannichaarratti dhiibbaa uumuu kaasaniiru.

Gareewwan shororkeessitootaa kunneen tumsa Ityoophiyaanotaan barbadaa’aa jiraachuu himaniiru.

Naannichatti Magaalonni miidhaan irra ga’ee ture yeroo ammaa sochii idileerratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Magaalota naannolee Amaaraa fi Afaaritti barbadaa’an deebisanii dhaabuuf deeggarsa Ityoophiyaanota hundaa kan barbaadu ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Maallaqaa naannoo Amaaraa Dooktar Xilaahuun Mahaarii gamasaaniin, gareen shororkeessaa ABUT magaalota aanaalee fi godina naannichaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisuu himaniiru.

Magaalaa Kombolchaa, Dasee fi kanneen biroorra miidhaa qaqabeen dhaabbileen kenniinsa tajaajila mootummaa guutumaan guutuutti dhaabachuu ibsaniiru.

Miidhaa garee shororkeessaan kun qaqqabsiiseen galiin mootummaan naannichaa argatu hir’achuu kaasaniiru.

Dhaabbilee kenniinsa tajaajilaa barbadaa’an debisanii ijaaruuf mootummaa naannichaa fi Federaalaa dabalatee abbootiin qabeenya ga’ee isaanii akka ba’ataniif waamicha taasisaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment