Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC)- Jiraattoonni Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sadii Canqaa gocha garee shororkeessaa ABUT balaaleffachuun deggeersa Raayyaa Ittisa biyyaaf qaban hiriira bahuun mul’isan.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Sadii Canqaa Obbo Umar Adam, jijjiirama qabsoon arganne ammas nurkaa baasuuf qaamolee keessaa fi alaan socho’an yeroo xumuraaf iddoo itti gochuuf Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun aggaammii nurratti aggaamamu qolachuu qabna jedhan.

Badhaadhina hawwamu qabatamaan fiduuf nageenya mirkaneessaa misoomni eegalame akka itti fufuuf hojjechuu qabna jedhan.

Hirmaatoonni hiriirichaa dhaadannoowwan garagaraa dhageessisuu ragaan waajjira dhimmota kominikeeshinii mootummaa godina Qellem Wallaggaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment