Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma Dhibba 3 ol irratti qamadii jallisii boneen Oomishamuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquun durfamu Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti lafa Qamadii jallisiin facaafamaa jiru daawwateera.

Hogganaan Biiroo qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu, bara kana akka Naannoo Oromiyaatti Jallisii boneen qamadii lafa hektaara kuma dhibba 3 fi kuma 50 irratti oomishuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaara kuma 70 ol faca’uu himaniiru

Sanyii filatamaa,callaa guddistuu fi  Paampiin  godinaaleef raabsame qonnaan bultoota harka ga’uu himaniiru.

Hanqina jiru furuuf hojjatamaa jiraachuu obbo Abarraan eeruu OBN gabaaseera..

Godina Shawaa Bahaatti jallisii boneen Qamadii lafa hektaara Kuma 40 irratti facaasuuf hojjetamaa jirraachuu Bulchaan Godinichaa obbo Abbaabbuu Waaqoo ibsaniiru.

Lafa kanaan dura Qonnaan bultoonni kireessuun abbaan biraa irraa fayyadamaa ture Qonnaan bulaaf deebisuun  akka Aanaa Adaamaatti lafa hektaara kuma 3 ol irratti qamadii jallisii bonaatiin facaasurratti kan argaman ta’uu Bulchaan aana Adaamaa obbo Taayyee Doorii himaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment